Labsii Traamp Irratti Falmiin Itti Fufee Jira

Dallaa Yunaaytid Isteetes fi Meeksikoo gidduu ijaaruuf jecha labsii yeroo hatattamaa prezidaant Traamp labsan irratti Demokraatonni mana maree bakka bu’ootaa keessa jiran murtii haaraa prezidaantichaf rakkisaa ta’u dabarsuuf jiru.

Murtiin kun Ripaablikaanticha kutaa Teeksaas Joaquin Kastroon qophaa’ee kun Jimaata borii dhiyaatee manni marii bakka bu’ootaa baatii Bitooteess dhufu walakeessatti sagalee irratti kennuuf jira.

Afaan-yaa’ii mana maree Yunaaytid Isteetes Naansii Palosii Robii kaleessaa xalayaa baasaniin seera tumtoonni Demokraatotaa fi Ripaablikaanootaa murtii dhiyaate akka gargaaranii qopheessanti akka mallatteessan jajjabeessan.Kunis tarkaanfiin fudhatamu akka milkaa’iina argatee hojii irra oolu gargaara jedhan.

Prez Traamp labsii yeroo hatattamaa kan labsan torban darbee erga kongreesnii Amerikaa akka dallaan biyyoota lamaan gidduu hojjatamuuf/ doolaara Biliyoona 1.4 qofa eega raggaasisanii booda.

Traamp garu waliigalaan dallaa biyyoota lamaan gidduu ijaaruuf Doolaara Biliyoona 5.7 gaafatan.