Kora bulchaa Kooriyaa Kaabaa waliin taa'uuf Vetnaam dhaqe irratti pirz. Tiraampi Kiim Uuniin walii hin gallee yadeebi'e

  • VOA

US President Donald Trump boards Air Force One at Noi Bai International Airport to leave Vietnam following the second US-North Korea summit in Hanoi on February 28, 2019. - The nuclear summit between US President Donald Trump and Kim Jong Un in Hanoi ended without an agreement on

Kooriyaa Kaabaatii fi Amerikaan nukileera waraanaa irratti wal mari’achuuf walti yaahuutti jiran.Bulchootii tun tana waliin marroo lama wal mari’atan.

Pirezidaanti Tiraampi nama mari’atee dubbii fixu ufiin jedhu taatullee mariin Vetnaam Hannoohi irratti Tiraampii fi bulchaan Kooriyaa Kaabaa,Kiim Uun womaa irratti wali hin galle.

"Ani silaa hardhaayyuu waan irratti walii gallle sun mallatteessee fudhachuu hinuma dandaha.Yoo akkas tolchine ammoo waan akkanaa sun waan faaydaa hin qamne irratti walii galan.Iyyoo iyyoo marii qophaahuu maltan jettan.”

Adoo kora kanaa warraa hin bahaniiyyuu irratti walii galle jennee mallatteessuuf hin jarajarru jechaa bahe akkuma innii baanu hardha hin taane.

Pirezidaantiin Koriyaa Kaabaa akka waan mootummaa isaatiin adaban cufaa marroo tokkotti irra dhiisaniifii fedha.US ammoo hin ciicatti.Bulchiinsii Tiraampi eeguma mallatteessuuf qophaahe “walii hi galle jedhee barreesse.”


Bulchooti tun lamaan waan waliin jedhanilee wal bira ejaajjanii gaazexessitotatti hin himne marii tana itti dachaanallee hin jenne.

Taatullee ogeeyyoti siyaasaa hagii tokko baga waliin galaliniiyyuu jedhan. Oliivaa Henoos dhaaba Heritage Foundation keessa hojjatti

"Kooriyaan Kaabaa waan namii tolchuu hin dandeenne gaafatte.Nukileera waraana isii haga diqqaa tokko qofa balleessite akka waan isiin adaban cufaa irraa dhiisan feeti.”

Bulchootii qaraa akka Kooriyaa Kaabaa nukileera waraana isii diqqeeffattee waan adabaniin irraa dhiisan feeti.Marii tun lammeessoo korii kun hin taane wannii miila itti dhukkubsaniifilleen hin guutamne taatullee kora sadeessoo hin qabanne garg gar galan.

Taatullee Tiraamopi afaan hamoo fi miira hamaan gargar hin baane jedhaa

“Akka herrega kiyyaatti waan akka malee dansaati.Garaa hariyaatiin gargar baane. Tun waan ati kora dhiiftee keessaa deemtee mitii.Harka wal fuunee akkuma garaa hariyatiin gargar baane.

US marii pirezidaantii Kooriyaa waliin teetteen akka nukileera waraana Kooriyaa diqqeessanii balleessan feete Kooriyaan Kaabaa ammoo sun hin feene.