Yoomiif Qajeelchaa rekoordii caaccabsee dorgommii Boston moo’e dorgommii aadaa ispoortii Itoophiyaa Amboo irratti Oromiyaan sadeessoo baate

Muktaarii fi Yoomiifitti akkana Moo gussee dadhabsiisa

Qajeelchaa dorgommii istaadiyoom irra maran ta m1500 tana 3:47:01 irratti moo’e.

Maroo hedduu rekoordii cabsuuf itti gamee ta kalee istaadiyoomii yuniversiti Booston keessatti dorgomeen ammoo atileetii MorookooHicham El Guerrouj irraa rekoordii innii ganna 22 harkaa qabu daqiiqaa 1:44 irraa caalee rekoordii irraa fudhate.Namii lammeessoo bahe Gregorek, Johnny atileetii Amerikaati.

Qajeelchaan ji’a dabrellee dorgommii New Yorkitti sekondii 0.01 rekoordii dhabee ji’uma sun keessa Birmighaamitti Saamuel Tafarraatti aanee lammeessoo bahe.

Maratoonii Jappaan irralleetti Itoophiyaan dhiiraa fi dhalaan moote.Dhalaan 1-3 baate.Maratoonii Tookyoo irratti Birhaanuu Leggesee tokkeessoo dubraan ammoo

  1. Ruuti Aaga
  2. Helen Tolaa
  3. Shuree Demisee

Your browser doesn’t support HTML5

Wal drogmmii ispoortii aadaa Itoophiyaa Ambootti waldorgoman Oromiyaan sadeessoo

Wal drogmmii ispoortii aadaa Itoophiyaa Ambootti waldorgomaa naannoo Amaahaaraatti tokkeesoo, bulchiinsa Finfinneetti lammeessoo, Oromiyaan sadeessoo

Gosa ispoortii aada 12 irratti wal dorgoman tana atileetota 500 tahanitti irratti wal dorgome. Obboo Adaanee Bishaamoo jaarsii ganna 80 dorgommii saddeeqa dhawachuun dorgomee medaaliyaa badhaafame.

Atileetotii naannoo Amaaraatii keessummooma hoteelii Daraaraa Kafanii keessaa argataniif abbootii hoteelii galateeffatan.