Ertiraan Garee Imaammataa Baqattoonnii fi Godaantonni Gara Awurooppaatti Akka Hin Godaanne Ittisuu Dura -teechummaadhan Filamte

map eritrea and red sea

Ertiraan Garee Imaammataa akka baqattoonnii fi godaantonni gara Awurooppaatti akka hin godaanne ittisuu irratti hojjetuu, kan “Khartoum Process” jedhamuuf dura-teessuu taatee jirti.

Gurmuun kun namoota seeraa-ala namoota biyya alaatti erganii fi baqattoota deddeebisan irratti akka tarkaanfiin fudhatamu carraaqqii godhamus ni qindeessa.

KHARTOUM FORUM ka jedhame gurmuun kun, biyyoota Awuroooppaa fi Afrikaa walumaa-galatti 37, akkasumas, Gamtaa Awurooppaa fi Gamtaa Afrikaa of keessaa qaba.

Akka Gamtaan Afrikaa jedhutti, gurmuun kun, Awurooppaa fi Afrikaa walitti fidhuudhaan sababaalee baqattummaa fi godaansa seeraa alaa qoratee, haala itti deebi’anii fi uummatatti makaman irratti hojjeta.