Warshaan Alema Kaawdii Jedhamuu Bishooftuutti Argamu Hojjatoota Isaa 300 ol Hojii Irraa Dhaabun Himame

Bishooftuu, Oromiyaa

Hojjatoonni Warshaa Oomisha nyaata beeyladaa Alema Kaawdii jedhamuu Bishooftutti argamu warshichii dhittaa mirgaa isaan irratti geggeessuu fi hojjatoota dhibba sadihii oliis hojii irra dhaabu isaa himatan.

Bulchiinsi magaalaa Bishooftus hojjansi Warshichaa kan rakkoo qabuu fi itti himamees sireefachuu ka dide tahuu beeksisee jira.

Muktaar Jamaal tu Adaamaa irraa gabaase.