Waltajjii Marii Hariiroo Uummata Oromoo fi Amaaraa

Waltajjiin marii hariiroo Uummata Oromoo fi Amaaraa irratti xiyyeeffatu kaleessa Ambootti geggeessamee jira. Itti aanaa Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa walitti dhufeenya uummata lamaanii cimsuun Itoophiyaa ol kaasa jedhan.

Uummatni waan irratti na deggeruu qabdu jedhanillee ifa godhaniiru. Pirezidaantiin naannoo Amaaraa Doktor Ambaachaw Mokonnin gama isaaniin naannolee lamaan jidduu wal dhabdeen akka hin jirre ibsanii, Ejjennoo mirga addaa Oromiyaan Finfinnee irraa qabdu mormu hin qabnu jedhan. Naakoor Malkaa tu gabaase. Guutummaa isaa caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Waltajjii Marii Hariiroo Uummata Oromoo fi Amaaraa