Iraan Walii Galtee Sagantaa Nukleraa Ishee Yeroof Addaan Kutte

  • VOA

Prezidaantii Iran Hassan Rouhanii

Iran walii galtee sadarkaa addunyaa kan sagantaa nukleraa isheef gabbisa Yraaiyumiif bara 2015 rarraasuu ishee prezidaantiin biyyattii Hassan Rouhanii labsanii jiran.

Yunaaytid Isteetes walii galtee sana keessaa baatee uggura dinagdee Iraan irra kaa’uu ilaalchisee Rouhaniin akka jedhanitti kanneen walii galtee sana mallatteessan kaan illee waadaa galan hin eegne, bakka isaa tarkaanfiin US boba’aa fi waltaalee baankii Iraan akka miidhu eeyaman jedhan.

Haala jiru jijjiiranii hojii irra akka oolchaniif guyyoota 60 kennaniifii tarkaanfiin inni itti aanu Iraan Yuraaniemii gabbisuu sadarkaa ol aanaatti butte itti fufti jedhan. Haa ta’u malee yoo biyyootiin Iraan waliin ni hojjetu ta’e garuu mootumaan isaanii walii galtee agarsiisuu itti fufa jedhan.

Akka walii galtee sanaatti Briteen, Ferensaay, Raashiyaa,Yunaayitis Isteetis Jarmanii fi Raashiyaan Yuraaniemii kg 300 ol gabbisuun akka hin danda’amne walii galan.