Filannoo Seena Qabeessa Afriikaa Kibbaan Paartiin Biyya Bulchu Dursaa Jira

  • VOA

President Cyril Ramaphosa

Afriikaan Kibbaa erga apaartaayidiin bara 1994 xumurame as filannoo paarlaamaa Roobii kaleessaa geggeessameen sagaleen har’a laka’amee dhumaa ennaa jiru kanatti paartiin biyya bulchu yeroo ja’affaaf injifannoo gonfataa jira.

ANCn bara 1994 ennaa biyyattiin filanoo dimokraatawaa yeroo jalqabaaf geggeeffatte aangootti dhufe.

Sagalee Jimaata laka’ameen ANCn sagalee dhibba irraa harka 57 argatee jira.

Haa ta’u malee malaammaltummaa fi dinagdee dadhabaan ilaalcha paartii Neelsen Maandeellaaf jiru balleesse. Rakkinni jirus kanneen sagalee kanneen fuula isaanii gara mormitootaatti akka deeffatan godhe.

Paartiin wal ta’iinsa dimokraasii jedhu hanga ammaa dhibba irraa sagalee 22 argatee jira. Paartiin “Economic Freedom Fighters” jedhu immoo waggaa kana dhibba irraa sagalee harka kudhan argatee jira. Ba’iin xumuraa Caamsaa 11 beeksisama jedhamee eegama.