Obbo Bereket Simoonii fi Taaddesee Kaasaan yakka gugurdaa 4 fi birrii biliyoona 2 olin himatanii naqaashii itti yaammachuutti jiran

  • VOA

court

Obboo Bereket Simoon fi Taaddesee Kaasaan yakka gugurdaa 4 fi birrii biliyoona 2 olin himatanii naqaashii itti yaammachuutti jiran

Abbaan alangaa addaatti himatee mana murtii naannoo Amaaraatti dubbii tana laaluutti jira.Waan himataniinillee barreeffamaan ya itti kekkennan.

Obboo Bereket waan himataniin ya mormate obboo Taaddeseen aramaan dura “tana irratti womaa jechuu hin dandahu,” jedhe armaan ammoo ya mormate.

Abbaan alangaa addaa ammoo naqaasii yaammachuutti jira.Jarilleen nama dubbii tana seeraan isaanii mormu abukaatoo dhaabachuu qophii jira abukaatoon ammo nagaa ufiitii jedhee dhaabachuuf sodaatan.Manii murtii ammoo akka abukaatoon jaraa dhiyaatu nagaa eeganiif hajaje.

Woma taateefuu manii murti dubbii tana harkaa qabu kun naqaashii jara kana irratti qabu akka henna Itoophiyaattu Caamsaa 21 jalqabee akka dhiyeeffatu hajaje.

Warrii hidhame kunillee abukaatoo ykn nama jara kana seeraan gargaaru barbaadatee akka dhiyeeffatuu fi nama jarii dhiyeeffatullee akka nagaa isaaniillee eegan hajaje.