Yunaaytid Isteetes Afaagaanistaan keessaa Ni Baati jedhu Namnii Taaliban

  • VOA

Yunaaytid Isteetes qarqara injifatamuu irra waan jirtuuf dhiyeenyatti walii galteen ykn dirqamuun Afgaanistaan keessaa kan ba’uuf jirtu ta’u hogganaan garee araar ta’aaTaaliibaan haasawaa dhagessaniin beeksisanii jiru.

Sher Mohammad Abbas Stanekzai baatii darbe jechuun Ebla 28 walgahii Dohaa Qataar keessatti gaggeeffamee irrtti akkas jedhan.Kunis garee lootee seentoota ofii hogganuun marii haaraa Yunaaytid Isteetsii waliin gaggeeffamuutti seenuuf guyyaan lama lafa hafeetti kana jedhan.

Sabaa himaan hawaasaa kanneenTaalibaan deggeran Jimaata dare vidiyoo hasawaa nama kanaa uummataaf qilleensa irra oolchan.

Guyyaa tokko boodas jilli addaa araaraa kan Yunaaytid Isteetes Zalmay Khalilzad gartuu ofii waliin marii torban tokkoof Dohaa keessatti bakka bu’ootaTaalibaan waliin gaggeessaa turan xumuran.