Maayik Pompeyoo Imaltuu Karoorfatan Jijjiranii Beeljiyam Seenan

  • VOA

Ministriin haajaa alaa kan Yunaaytid Isteets Maayk Pompeyoo imaltuu Awuroopaa keessatti gaggeessniin magaalaa guddoo gamtaa Awuroopaa Braasals seenanii jiru.

Dubbii himtuun ministrii hajaa alaa Amerikaa Morgaan Ortagus wiixata har’a akka jedhanti Pompiyoona michoota Awuroopaa kanneen Beeljiyam keessaa wajjiin wal arguun tarkaanfii sodaachisuu fi ibsa Islaamiik Ripaabliik of Iraan dhageesisaa jirtu irratti mari’atu.

Ortagus akka jedhanti Pompiyoon michootaa fi waahiloota keenya waliin walitti dhiyeenyaan hojii qindeessuu itti fufuun gidduu galeessa bahaa fi guutuummaa addunyaa irratti nageenya hundumaaf barbaachisaa ta’e irratti hojjatu jedhan.

Pompiyoon duraan Diploomaatoota fi hogganoota daldalaa kanneen Mooskoo keessaa waliin har’a wal arguuf karoorfatanii turan.Garu

Dilbata kaleessaa galgala karoora isaanii jijjiruun jalqaba Beljiyamti goran.