Gargaarsa Arganneef Galata Guddaa Qabna: Hospitaala Naqamtee

  • Jaallannee Gammadaa

Dhalattonni magaalaa Naqamtee kanneen Amerikaa fi Kaanaadaa keessa jiraatan meeshaalee tajaajiila eegumsa fayyaa adda addaa kan Doolaara kuma dhibba sadiitti (300,000) shalagamuu fi gargaarsaan argatan Hospitaala Speshaalaayzed Naqamteef ergan dhaqqabee jira.

Meeshaalee kun baasii Doolaara kuma digdamii shaniin (25,000) Amerikaa irraa hanga Jabuutitti kan ergame yoo ta’u Jabuutii keessa man-kuusaa keessa turee sana booda Naqamtee dhaqqabuuf dabalataan Doolaara kuma shanii fi dhibba saddeet(5800.00) baasisuu isaa dhimmi gargaarsa kanaa kan qindeessaa turan Obbo Jigsaa Alamaayyoo Tolaa Atlaantaa irraa ibsanii jiru.

Dhuma irratti meeshaleen wal’ansa fayyaa adda addaa kun torban darbe gaafa Caamsaa 8 bara 2019 Hospitaala Naqamtee dhaqqabuu isaa hoji gaggeessaan Hospitaalichaa Obbo Addaamuu Shifarraaw ibsanii jiru.

Gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Gargaarsa Arganneef Galata Guddaa Qabna: Hospitaala Naqamtee