Ameerikaan Lakkoobsa Loltoota Ishee Kan Siiriyaa Keessaa Gad Xiqqeessuu Beeksiste

  • VOA

Gamtaa humnootii duula farra IS kan hoogganan Chris Maier angawaa dhiyeenya dhimma loltoonni gamasii ba’uu akka walii galaatti ibsan turan.

Angawoonni Yunaayitid Isteetis loltoota biyya isaanii kanneen Siiriyaa keessaa akkaan gad xiqqeessuu kan yaadan yoo ta’u harcaatuu IS ka biyyattii keessaatti duuluuf loltoonni meeqa gamasitti akka hafan garuu dubbachuuf tole hin jedhin hafan.

Gamtaa humnootii duula farra IS kan hoogganan Chris Maier angawaa dhiyeenya dhimma loltoonni gamasii ba’uu akka walii galaatti ibsan turan.

Lakkoobsi loltootaa hangi tokko gad xiqqaatee jira jechuun har’a tuuta oduuf ibsa kennanii jiran. Lakkoobsi loltoota Ameerikaa yeroo ammaa Siiriya keessa jiran kan yeroo duraa caalaa xiqqoo dha jedhanii lakkoobsi kun akka haalli wayyaawaa deemeen gad xiqqaachuu itti fufa jedhan.