Walitti Bu’iinsi Yunivarsitii Aksum Keessatti Ka’e Lubbuu Barataa Tokkoo Galaafate

  • VOA

Yunvarsiitii Aksum

Yunivarsitii Aksum keessatti walitti bu’iinsa baraattoota gidduutti uumamtti aansuu dhaan lubbuun barataa tokkoo yoo darbu hedduun madaa’aniiru. Yunivarsitii Aksuum keessatti kaleessa haalli kun utuu hin uumamin dura torban darbe Yuniversitii Debre Maariqoos keessatti gocha raawwatame mormuu dhaan ture barattoonni magaalattii keessatti hiriira nagaa kan geggeessan.

Poolisiinis hiriira sana bittimsuuf gaazii imimmaansu fayyadamuu isaa maddeen yuniversitii sana keessaa VOAf ibsaniiru.

Tarkaanfii humnootiin nagaa eegsisan fudhataniin booda jeequmsi ka’uun illee ibsameera. Hookkara ka’eenis barataan waggaa lammataa tokko ajjeefamuu isaa fi namoota lakkoobsi isaanii hin beekamne irra miidhaan ga’uun illee beekameera

Your browser doesn’t support HTML5

Walitti Bu’iinsi Yunivarsitii Aksum Keessatti Ka’e Lubbuu Barataa Tokkoo Galaafate