Magaala Naqamteetti Namoonni Poolisiidhan Qabamanii Hidhamaa Jiraan: Maatii

Barreessaan Kitaaba 'Yoomilan' jedhamuu, Amaanu'eel Balaay magaalaa Naqamteetti osoo kitaaba isaa eebbisiisuuf keessummoota simataa jiruu galma hoteelaa qophichi itti geggeessamu keessaa poolisiin qabamee fudhatamuu abbaan isaa VOAtti himan.

Gama biraan, maatiin jiraattota magaalaa Naqamtee obbo Abbaba fi obbo Solomon Dheeressaa namoonni isaanii lamaan eega qabamanii fudhatamanii torbanoonni xiqqon darbanillee akka mana-murtiitti hin dhiheessamiin dubbatu.

Gama biraatiin immoo, achuma Wallagga Bahaa, aanaa Eebantuu keessatti barsiisota akka Raggaasaa Wiirtuu, Gammachuu Gannatii, Gammachuu Itichaa fi Alii Bayyanaa dabalee namoonni hedduun qabamanii hidhamuu jiraattonni VOAtti himanii jiran. Bakka bu'aan Waajjira ABO magaalaa Amboo Kaayyoo Fufaa jedhaman, Ambo irraa akkasumas kan ammaan dura kitaaba kuusaa walaloolee maxxansitee turte Lalisee Mekokonnen magaalaa Finfinnee irraa qabamuu isaanii hiriyyoonnii fi waahiloonni isaanii dubbatanii jiran.

Hidhaa bakka garaa garaatti raawwate jedhame kana ilaalchisee akka deebii anga'oota Mootummaa sadarkaa addaa irraa deebii gahaa argachuuf carraaqqii hedduu godheyyuu, haga ammaatti ka quubsaatti deebii naaf kenne hin arganne jedha, gabaasaan VOA Naakoor Malkaa.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Magaala Naqamteetti Namoonni Poolisiidhan Qabamanii Hidhamaa Jiraan: Maatii