Iraaniin Haleeluuf Ajaja Kennee Ture Daqiiqaa Dhumaa Irra Hambise: Prezidaant Traamp

  • VOA

Yunaatid States xayyaara ishee nam- maleeyyii Iraan kuffiste haaloo ba’uuf jecha maadheelee sadii haleeluuf eega qophii xumurattee booda lubbuu lammiwwan Iraan olchuuf jecha ajaja haleellaa kaasuu ishee beeksiiftee jirti.

Gazeexaan Neew York Taayims akkuma gabaase sana Prezidaant Traamp jalqaba maadheelee Iraan keessaa hanga tokko kan akka Raadaarii fi baatirii Misaa’eelaa irratti haleellaan akka gaggeeffamu ehamanii turan .

Gazeexaan Waashingtan postii fi sabaa himaa kanneen biroon aangawoonni bulchiinsaa Traamp maqaa dhahuun akka gabaasanti prezidaant Traamp haleellaa haaloo ba’uumsaa kana raggaasisanii jiru.

Kamiisa kaleessaa galgala Maadhelee sadii irratti tarkaanfii waraanaa kan haaloo ba’insaa fudhachuuf nama meeqa ajjeesa jedhee gaafannaan 150 deebii jedhu Jeneerala biraan argadhe kan jedhan Traamp daqiiqaan kudhan lafa hafeetti haleellaan sun akka hafu godhe jechuun Twitarii irratti barreessan.