Birgaadeel Janaral Asaaminoo Tsiggee Ajjeefaman

Hoogganaa biiroo nageenyaa bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaraa an turan, birgaadeel Janaral Asaaminoo Tsiggee

Yaalii mootummaa bulchiinsa naannoo Amaaraa fonqolchuu Sambata-duraa dheengadhaa fashalaaheefi ajjeechaa angaawota naanichaa adda dureedhan qindeessan an jedhaman hoggaanaan biiroo nageenyaa bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaraa, Birgaadel Janaraal Asaaminoo Tsigge ajjeefamuu miidiyaan biyya keessaa gabaase.

Akka koomishiniin poolisii naanichaa jedhetti Janaraal Asaaminoon odoo baqachuuf yaalanuu naannoo Amaaraa bakka Zenzelimaa jedhamuutti humnoota mootummaatiin rukkutamanii ajjeefaman.

Piresdaantii bulchiinsaa naannoo Amaaraa Dr. Ambaachoo Mokonniin fi gorsaan isaanii Sambat-duraa, Waxabajjii 22 qaama yaalii fonqolcha mootummaa naannoo isaanii geggeessen waajjira magaala Baahir Daar keessaatti ajjeefamuun in yaadatama.