Meegan hardhallee lama galfattee biyya isii,USA malkaa dabarsite, Amerikaan Faransaay 2-1 irraa galchitee Ingiliiziin walti marte

APTOPIX France US WWCup Soccer

Dorgommii kubbaa Miilaa Nadheen Addunyaa Faransaayitti itti jiran. Marroo 46 taphatanii goolii 132 gale.Amma biyya afuritti walti hafa.

Akka kanaan US biyya 4n walti hafan taate. Goolii US ta hardhaa Megan Rapinoe daqiiqaa shaneesoso irratti keessa buufatte.

Kubbaan isiin dhitte sun milaa nama hedduu jala mimilixxetti calawwi jettee goolii keessa buute.

Daqiiqaa 65essoo irralleetti Rapinoe kubbaa Tobin Heath gama itti kennite biruma ejjitee gooliitti cuqqaalatee 2-0 taate.

Gaafa Ispeen waliin taphatanilleen goolii Rapione Amerikaaf goolii lama galchite.Meegaan nama ganna 33ti haga ammaatti marroo 155 taphattee gooli 45 galfatte.

Faransaayilleen akkuma dansaa taphattee daqiiqaa 81esso irratti goolii goolii argatte. Goolii sun Gaëtane Thiney-tti galcheefii 2-1 taate.

Amerikaan dorgommii kubbaa miilaa nadheenii baranaa irratti takkuma hin moohamne.Chiilee,Siwiidn,Meksikoo fi Afrikaa Kibbaa 3-0 moote.

Amerikaan Kibxata torbaan dhufu, Adoolessa 2 irratti Ingilaandiin walti marte. Bori Xaliyaanaa fi Nezerlaandi,Jermenii fi Siwiidinitti waliin tapahta.