ABOn Kora-sabaa Addaa Finfinneetti Geggeeffate

Faayilii - Simannaa ABO, Finfinnee

Addi Bilisummaa Oromoo eega biyya galee as yeroo jalqabaatiif Korasabaa Addaa taasisuun akka seerri filannoo Itiyoophiyaa gaafatutti heera ittiin bulmaataa isaa haareffaftee fi hoogganoota isaas irra-deebiin filatee jira.

Dhaabichi filannoo dhufutti hirmaachuuf ulaagaalee guutuun barbaachisu keessaa kun hojii bu’uraa tokko tahuu isaa fi taajjabdoonni Boordii Filannoo Itiyoophiyaa kora kana irratti argamuu hooggansi dhaabichaa beeksisee jira.

Filannon sagalee uummataa kabajuu fi haqa-qabeessa tahe akka biyyattii keessatti geggeessamu shoora gama isaanii akka bahatan dubbatan – hoogganoonnii fi miseensonni dhaabichaa korichatti hirmaatan.

Your browser doesn’t support HTML5

ABOn Kora-sabaa Addaa Finfinneetti Geggeeffate