Sudaan Kibbaa Dhibee Eboolaa Of Irraa Ittisuuf Yaalaa Jirti

  • VOA

Angawoonni eegumsa fayyaa Sudaan Kibbaa daangaa biyya isaanii fageenya km 70 irra kan jiratu Republikii dimokraatawaa Koongoo keessatti vaayresiin Eboolaa argamuun erga mirkanaa’ee booda dhibeen kun biyyattii akka hin seenne ittisuuf tattaaffii godhan itti fufanii jiru.

Tajaajila deebii yeroo hatattamaa fi to’annaa dhukkubootaa Sudaan kibbaaf daayrikteera kan ta’an Dr. Pinyi Nyimol akka jedhanitti ministriin eegumsa fayyaa koongoo waliin kan wal daangessu kutaa Yeitti angawoota torba ergeera.

Kaayyoon isaas dhibee kana to’achuu fi qophaa’inni akka jiraatu gochuuf ta’uu Nyimol VOAf ibsaniiru.

Uummati waan wal keessa adeemuuf jecha hedduu waan nutti dhiyaateef nu yaaddesse jedhan.