ICCn Hoogganaa Ripxe Loltoota Koongootti Balleessaa Itti Mure

  • VOA

Booskoo Tagandaa

Manni murtii yakka ilaalu kan sadarkaa addunyaa ICCn hoogganaa ripxe loltootaa Ripaablikii dimokraatawaa koongoo maqaa masoo Termineeter jedhamuun beekamaa ture Booskoo Tagandaa irratti murtii yakka waraanaa fi yakka farra namoomaa walumaa galatti yakkawwan kudha saddeet itti muree jira.

Baaskoo Tagaandaa abbaan murtii Roobert Fremer ennaa isaan murtii itti murame dubbisan fuula isaanii irraa waan mul’atu utuu hin jiraatin tasgabbiin dhaggeeffataa turan.

Manni murtii yakka qoratu kan sadarkaa addunyaa ICCn Waggoota hojii isaa kudha torba keessatti nama yakka waraanaan himatame isa arfaffaa dha.

kan umuriin waggaa 45 Tagandaan kallattiinis ta’u harka lafa jalaan bara 2002 fi 2003 ennaa gamtaa gootota Koongoo ykn sochii milishaa UPC jedhamu hogganaa turanitti Ripaablikii Dimokraatawaa Koongoo Kaaba gama bahaa konyaa Ituurii keessatti yakka suukaneessaa raawwatameef manni murtichaa balleessaa itti muree jira.

Your browser doesn’t support HTML5

ICCn Hoogganaa Ripxe Loltoota Koongootti Balleessaa Itti Mure