Lammiin Eertraa Seeraan Ala Nama Deddeebisuun Himatame Walaba Ba’e

  • VOA

Seeraan ala nama deddeebisuu adda durummaan hooggana jedhamuun kan himatamee fi dogoggora maqaati malee ana miti jechuun falmataa kan ture lammiin Eertraa dhugaa dubbate jechuun mannimurtii Xaaliyaanii murteesseefii jira. Manni murtichaa har’a ture murtii kana kan dabarse.

Addunyaa irraa caasaa namoota seeraan ala deddeebisuu keessaa garee tokko hooggana jedhamuun kan himatame Medhaanee Yehadgoo Merid kan jedhamu lammiin Eertraa, Itiyoophiyaa,Liibiyaa Sudaanii fi tokkummaa Imireetot Arabaa akkasumas Awrooppaa keessaa dameewwan akka qabutu ibsame.

Bara 2016 Sudaan keessatti qabamee Xaaliyaaniitti dabarfamee kan kenname garu ana Medihaanee Tesfaamaariyaam Berihee ti hojiin koos hojii mukaa ti jechuun falmaa ture.

Bifi namoota lamaanii wal fakkaachuu dhabuu qofaa utuu hin taane ragaan qorannaa DNA argame illee kan hidhaa keessa jiru falmii Medihaanee dhugumsus abboonni alangaa Xaaliyaanii diduu dhaan hidhaan waggoota 14 akka itti muramu gaafataniiru. Jimaata har’aa ture manni murtii Palermoo Medihaanee Tefaamaariyaamiif kan murteesse.