Yaaliin Fonqolcha Mootummaa Sudaan Hin Milkaa’in Hafe

  • VOA

Gurmuun waraanaa Sudaaniin bulchu Humnootiin naga eegumsaa angawootas waraanaa kanneen yaalii fonqolcha mootummaa yalan faana bu’an jechuu dhaan dubbi himaan grumuu waraanaa beeksisanii jiru.

Leetinaant jeneraal Gamal Omar ibsa kennaniin akka jedhanitti erga yaaliin fonqolcha mootummaa erga geggeessamee booda yoo xiqqaate hoogganaa isaanii dabalatee angawoonni waraanaa 16 to’annaa jala oolaniiru.

Omaar akka jedhanitti yaaliin fonqolchaa kun yeroo hamtuutti geggeessame, kunis garee dimokraasii leellisanii fi humnootii walabummaa fi jijjiiramaa gidduutti walii galteen ennaa irra ga’ametti ture.

Waraannii fi gurumuun leellistoota dimokraasii torban darbe gamtaa dhaan gumii waggoota sadii fi biyya bulchee booda irra filannoo qindeessu uummachuuf walii galan.