Paartileen Mormituu Torba Ibsa Kennan

  • VOA

Dhaabbata Guutummaa Tokkummaa Itiyoophiyaa yokaan ME-I-A-D fi I-HI-A-PPAA dabalee paartiileen Itiyoophiyaa toorba, hidhaa jumlaa, hari’annaa fi doorsisa biyyattii keessatti geggeessamaa jiran – jedhan, akka hatattamaan dhaabatu gaafatanii jiran.

Melleskaachew Ammahaa Finfinnee irraa akka gabaasetti,

Gaaffii bulchiinsa naannootti ijaaramuu bulchiisa naannoo Kibaatti ka’e wajjiin wal-qabatee, kanneen uummata nagaa irratti ajjeechaa, saaminsaa fi hiraarsa raaw’atan akka seera duratti dhihatanis gaafatanii jiran – paariileen kun.

Paaartiileen toorbanuu, har’a waaree dura, waajira ME-I-A-D-tti ibsa gamtaadhaan gaazzexeessotaaf kennaniin, “Yeroo ammaa dhiittaan mirgawwan namoomaa fi mirgawwan dimookiraasii guutummaa Itiyoophiyaa keessatti yeroo dhaa yerootti hammaataa deemuun isaa argamaa jira” jedhan.