Alaabaan Seeraan Alaa Jedhame Hawaasaa fi Zoonii Sidaamaa Kessaa Akka Kaafaman Ajaji Darbe

  • VOA

(Suuraa faayilii)

Maagalaa Hawaasaa, zooniiwwan Sidaamaa fi naannolee sana bakka adda addaatti fannisamanii kan jiran alaabaan, faajjiiwwan fi mallattooleen kan seeraa hin ta’inii fi kan eenyuu akka ta’e hin beekamne guyyoota lama keessatti alaabaa fi faajjii naannoo kan seeran akkka bakka bu’an ajajaan waraan yeroo ajaja dabarsee jira.

Ajaji waraanaa sun ibsa kaleessa baaseen gocha kana kan raawwatan itti gaafatamtoota waajjiraalee, dhaabolii dhuunfaa fi mallattoo fi faajjiiwwan akkasii namoota qabatanii argaman irratti tarkaanfiin akka fudhatamu beeksiseera jedha Yonaataan Zebdwoos Hawaasaa irraa.