Amerikaan Mootummaa Venezu’eelaa Irra Ugguura Keesse

  • VOA

Prezidaanti Venezu'eelaa Nikolaas Maduroo fi haadha warraa isaanii

Prezidaantiin Yunaaytid Istetes Donaald Traamp qabeenya mootummaan Venezu’eelaan Amerikaa keessaa qabu marti akka hin sossoneef ajaja kennanii jiru.Kunis mootummaa Nikolaas Maduroo irratti tarkaanfii fudhatamee keessaa isa jabaa dha jedhamee jira.

Qabeenyaan mootummaa venezu’eelaa kan Amerikaa keessaa qabu hundumtuu kan ugguraman yoo ta’u iddoo biraatti dabarsuu, maallaqatti jijjiruu ykn kan biraa gochuun hin danda’amu jedha akka ajaja Traamp kaleessa galgala dabarsaniin.

Kana ilaalchisee mootummaa Venezu’eelaa biraa deebiin kenname kan hin jirre yoo ta’u Kubaa, Iraan, Koriyaa Kaabaa fi Siriyaan uggura Amerikaa wal fakkaataa ta’e jala jiru.

Yunaaytid Isteetes Maaduroo irratti dhiibbaa gama dinagdee fi diploomaasii gootu kan itti fuufte yoo ta’u mormii guddaan kan isaan mudatee maduroon garu aangoo gadhiisuu diidan.