Kooriyaan Kibbaa Nagaa Ishee Eegsisuuf Cicha Irra Eegamu Ni Baati: Prezidaant Traamp

Kooriyaan kibbaa loltoota Yunaayitid Isteetis gamasitti argamaniif qooda gama ishee baastu akkaan dabaluuf walii galuu ishee prezidaan Doonaald Traamp beeksisaniiru.

Kooriyaan kibbaa ofii ishee Kooriyaa kaabaa irraa eguuf Yunaayitid Isteetisiif maallaqa guddaa kaffaluuf walii galte jechuu dhaan Traamp ergaa Twiterii har’a maxxansaniin beeksisan.

Traamp Kooriyaan Kaaba maallaqa hagamii aka baastu hin ibsine, garuu Se’ool waliin baasii qooddanaa irratti mariin jalqabameera jedhan.

Haa ta’u malee kooriyaan Kibbaa har’a akka jettetti mariin dhimma kana ilaalchisee jiru hin jalqabamin jira.

Traamp akka jedhanitti kurna hedduu keesatti Yunaayitid Isteetis Kooriyaa Kibbaa irraa maallaqa xiqqoo argatte, garuu waggaa darbe gaaffii prezidaant traampiin doolaara miliyoona $990 kaaffalte jedhan.