Polisiin Kirgiiyzistaan Prezidaantiin Duraanii Hidhee Jira

  • VOA

Almazbek Atambaev, Prezidaantii Duraanii Kirgiiyzistaan

Humnootiin nageenyaa tarkaanfiin fudhatan gara hokkaraatti jijjiramee namnii tokko eega du’e booda polisoonni addaa kan Kirgiizistaan prezidaanticha duraanii Almazbek Atambaev hidhanii jiru.

Dhaabbatti oduu Raashiyaa Intarfaaks fi sabaa himaan Kyrgiiyz kamiisa har’a akka gabaasanti prezidaantiin duraanii mana ofii isaanii kan ganda Koi-Tash magaalaa guddaa Bishkek cina jiruutti yaalii yoo xiqqaate yeroo tokko fashalee booda qabaman.

Polisiin halkan qabuuf yaaliin godhe eega fashalee booda mooraa prezidaanticha duraanii haleeluun deggertoota prezidaanticha duraanii waliin dhukaasa banameen hedduun mada’anii qabame.

Umriin isaanii 62 kan ta’e prezidaantiin duraanii kun bara 2011 hanga 2017yeroo waajiira qabatanii yeroo turanti aangoo ofii gargaaramuun yakka gosa shan qabu hojjatan himannaa jedhutu irratti dhiyaata.