Musliimonni Miliyoonaan Laka’aman Hajjiif Gara Saa’udiitti Imalan

  • VOA

Musliimonni miliyoona lamaa ol ta’an Hajjiif jecha Saud Arabiyaa Makaatti kan argamu keellaa qulla’aa Islaamaatti imalanii jiru. Hajjiin Imala amantii waggaa waggaatti geggeessamu yoo ta’u wal ga’ii amantii addunyaa guddicha keessaa tokko.

Hordoftoonni amantii musliimaa ayyaaneffannaa guyyoota shaniif ture kan jalqaban jimaata har’aa ture.

Ennaa Hajjiin geggeessamu amantoonni Musliimaa sirna amantii hedduu irratti hirmaatu.