Jiraattonni Hoong Koong Mormii Dhageessisuu Itti Fufan

  • VOA

Jiraattonni Hong Koong kumaan laka’man motoummaa magaalattiin wixineeffamee kan ture himatamtoonni murtii dhaaf gara chaayinaatti akka ergaman seera gaafatu mormuu dhaan hiriira mormii geggeessaa turan har’as buufata xayyaara sadarkaa addunyaa Hong Kongitti geggeessuu itti fufaniiru.

Mormitoonni kun galma buufata xayyaara sadarkaa addunyaa bal’aa sana guutanii dibbii dha’uu dhaan Hong Koong” walaba taatee jechuun hiyya isaanii akka turan gabaasameera.

Waa’ee sochii isaanii tuuristootatti beeksisuuf jecha afaan Ingiliffaa fi Mandariiniin kan barreeffame barruulee fi dhaadannoolee raabsaa akka turan illee ibsameera. Mormiin sun erga jalqabamee dilbati dhuftu torban arfaffaa isaa ti.

Imaltoota sadarkaa addunyaa kurna kumaan laka’aman amansiisuuf jecha buufata xayyaarattii guyyoota sadiif weeraruuf karoora akka qaban ibsaniiru.