‘Mootummaan Biyyanaa “Meeshaa Sadarkaa Hin Gitne Gurgurtu” Jedhee Nu Saamaa Jira’: Baqattoota Afriikaa Kibbaa Jiraatan

Afrikaa Kibbaa

Lammileen biyya Alaa Afriikaa Kibbaa jiraatan mootummaan biyyattii meeshaalee sadarkaa hin eegganne gurgurtanii jechaan miidhaa nurraan geessisaa jira ajedhan.

Lammileen Oromoo magaala Johaanisberg jiraatan torbee darbe kanaa kasee poolisoonni dukkaana isaanii akka jelaa cabsan namoota hedduus hidhaatti akka guuran dubbatanii jiru. Bakki bu’aan baqattootaa namootni hidhaman akka lakkifamaniif hojjetaan jira jedhee.

Akka lammileen Oromoo Afriikaa Kibbaa naannawa magaal Johaanisberg jiraataniitti torban muraasaa as mootummaan biyyattii meeshaa sadarkaa isaa hin eegganne gabaaf dhiyeessitanii jechaan nu hiraarsaa jira jedhu. Sakattahi kun erga jalqabamee turus dhuma torbee darbe kanaatii kaasee garuu maqaa sakatta’iinsaa kanaan poolisiin biyyattii magaala Johaanisberg naannawa lammileen Oromoo, Somalee fi Eertiraa jiraatan mayfair meeshaa baqattoota hojii dukkaanaa hojjetanii hedduu mancaasee jedhu baqattoonni yaada isaanii nuuf kennan. Abdii Mohaammed dhalataa Oromoo Johaaniberg jiraatuudha.

Abdiin dabalee, warri nageenya kabachiisu kun namoota meeshaa sirrii gurguraa turan, darbees ka eyyama hojii fi jireenyaallee qaban walumaan dachaasanii qabanii jechuun dubbata. Abduun dukkaannisaa namoota sakatta’a kanaan balaan irra dhaqqabe keessaa tokkodha. Lammiin Oromoo kaan haala Johaanisberg jiru nuuf himan Obbo Yusuuf Ahmed Galateeti. Obbo Yusuuf nama ganna 14 oliif biyya Afriikaa Kibbaa jiraataniidha.

Mootummaan Afriikaa Kibbaa ka jedhu, namootni to’annoo jela oolfaman kunneen omishaalee asxaa omisha gurguddaa ta’an fakkeeffamanii omishaman gurguru kanaaf tarkaanfii fudhadhe jedha. Baqattoonni, darbees dursaan hawaasa baqattootaa garuu waanti kun dhugaa mitii jechun komii qaban dhiyeeffataa jiru.

Obbo Misbaa Ahmed barreessaa hawaasa baqattoota Oromoo kan Afriikaa Kibbaa duraaniiti.Obbo Misbaan dabalanii mootummaan biyyattii tarkaanfii fudhachuun sirrii ta’ee garuu haala seer maleessaan ta’uun lammilee biyyattiitti baqatanii jiruuf carraaqan hedduu miidhaa jiraa jechuun dubbatan.

Your browser doesn’t support HTML5

‘Mootummaan Biyyanaa “Meeshaa Sadarkaa Hin Gitne Gurgurtu” Jedhee Nu Saamaa Jira’: Baqattoota Afriikaa Kibbaa Jiraatan