Gareen IS Itiyoophiyaa seenee hidda babal’ifachuuf karoorsuu isaa fi sochii eegaluun isaa kan beekame marsariitiiwwan garee kanaa fi miidiyaaleen sirnaa kan garee ISIS viidiyoo daqiiqaa sadiin erga mirkaneessee booda.
WAASHINGITAN, DIISII —
Somaaliyaa keessatti kan argamu gareen finxaaleyyii IS Itiyoophiyaa keessaa hordoftoota fo’achuu kan isa dandeessisu ergaa jihaadaa sagalee fi viidiyoo dhaan waraabame fi barreeffamaan dhiyaate raabsuuf akka jiru ibsameera.
Viidiyoon sun garee ISn ball’inaan kan beekamuu fi yeroo hedduu kan dhaga’amu faaruu afaan Amaaraan kan itti faarfatame ture. Gareen kun ergaa dadammaqiinsa ka biroos afaan Amaaraan wal duraa duubaan kan baasu ta’uu beeksiseera.