Dhimmi Koolu Galtoota Galaana Irratti Danqamanii Faayidaa Siyaasaaf Ooluu Hin Qabu: UNHCR

  • VOA

Godaantoota doonii baraarsaa oopin aarms jedhamu irraa qarqara galaana Xaaliyaanitti utaalan, Hagayya 20, 2019

Dhaabii baqattootaa kan Tokkummaa mootummotaa UNHCR biyyoota gamtaa Awuroopaatti irra deebi’uun iyyataa jira. Kunis godaantoota doonii baraarsaa “OPEN ARMS” irratti fe’amanii jiran kanneen haala gad adeemaa jiru keessa jiran akka simataniif ta’uu ibsamee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Dhimmi Koolu Galtoota Galaana Irratti Danqamanii Faayidaa Siyaasaaf Ooluu Hin Qabu: UNHCR

Haala kana dura hin barataminiin kan safutti cichan ministeerri haajaa biyya keessaa Xaaliyaanii Matteeyoo Salviinii, sambata darbe doonii buufata Lampeduusaa jirtu irra kan turan ijoolleen maatii male qofaa deeman doonittii irraa akka bu’an eeyamaniiru.

Wiixata dheengaddaa immoo namoonni sagal kanneen wal’aansi fayyaa yeroo hatattamaa isaan barbaachisu irraa bu’aniiru. Haa ta’u malee koolu galtoonni bakka dhaqan dhabuu dhaan doonii tola ooltummaa Speen kan “Open Arms” jedhu irratti hafan 98.

Kolu galtoota murtii irra gahame dhagahanii gammachuu ibsachaa jiran, Hagayya 20, 2019.

Dubbi himaan dhaaba baqattoota tokkummaa mootummootaa Andiree Maahiichii doonii guyyoota 18 dura imala jalqabde irra haalli jiru kan dhalli namaa dandammatuu danda’u miti jedhan.