Kaabineen Sudaan Haaraan Muudame Deggersa Bal’aa Argate

Waraanni Sudaan hoogganaa yeroo dheeraa Omar Al Bashiriin eega aangoo irraa buusee baatilee shan booda, kaabineen biyyattii haaraan Dilbata dabre irbuu seenuun aangoo qabate.

Walii-galtee aangoo-qooddannaa hoogganoota waraanaa Sudaanii fi hoogganoota uummata mormiilee geggeessaa turee gidduutti mallatteessame irratti hundaa’auudhaan, miseensonni mana-maree ministarootaa muudamanii, irbuu seenuun hojii jalqaban.

Kaabineen haaraan hundeeffame kun, Sudaan keessatti deggersa bal’aa argatee jira, jedhama.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa sirna hirbuu kaabinee haaraa Sudaan caqasaa