Waldaan Kirstaanaa Orotodoksii Hiriira Fulbaana 4tti Waame Yeroo Biraatti Dabarse

  • VOA

Waldaan Kirstaanaa Orotodoksii Itiyoophiyaa, buufata lallaba Fifnfinnee jala kanneen jiran qaamonni adda addaa dilbata dhufu kana jechuun akka lakkoobsa Itiyoopiyaatti Fulbaana afru bara 2012, Finfinnee keessatti akka hiriira nagaa bahaniif waamicha taasisee ture yeroo biraatti jijjiiruu isaa, koreen hiriiricha qindeesse har’a beeksisee jira.

Kaayyoon hiriirichaa, kutaalee biyyattii adda addaa keessatti miidhaa waldaa Orotodoksii irratti raawwataa jiruu fi walumaa-galatti, miidhaa sababaa amantiitiif eenyu irrattiyyuu raawwatamaa jiru mormuuf akka tahe koreen sun dubbateera.