Yunaayitid Isteetis Waraana Yukreeniif Deggersa Maallaqaa Akka Kennitu Beeksiste

  • VOA

Pirezdaantii Yukreen Volodiyimiir Zalanskii

Yunaayitid Isteetis White House tursee kan ture doolaara miliyoonaan laka’amu humna waraanaa Yukreeniif bifa gargaarsaan kennuuf sochii gochaa jirti.

White House akka ibsetti doolaarri miliyoonni $250 Pentaagoon irraa humna waraana Yukreeniif akka kennamu ministeerri dhimma alaa immoo doolaara miliyoona $14` ka biroo bifa gargaarsaan akka kennamu eeyamee jira.

Ministriin haajaa alaa Yunaayitid Isteetisii fi ministeerri ittisaa gargaarsa waraanaa fi nageenyaa Yukreenii fi kennuuf sochii irra jiraachuu isaanii angawaa gameessi bulchiinsichaa ibsaniiru.