Waldaa Kunuunsa Daa'immanii fi Maanguddootaa Birmannaa

Waldaan Kunuunsa Daa'immanii fi Maanguddootaa Wallagga Lixaa, magaalaa Gimbiitti maandheffate, barattoota 300 tahaniif dabtara, qalamaa fi uffata seeraa mana barumsaa bituu beeksise.

Qindeessaan Waldichaa akka jedhanitti, maanguddoota harka qalleeyyii afuriif illee mana isaanii ijaaraa jiru.

Gara Fuulduraatti ammo Mana Dubbisa Kitaabaa banuufis karoora qabna jedhanii jiru.

Naakoor Malkaa dabalata qaba.

Your browser doesn’t support HTML5

Waldaa Barattootaa fi Maanguddoota Harka Qalleeyyii Gargaaruutti Jiru