‘Areerotti Humni Hidhate Miseensota Raayyaa Dabalee Namoota Shan Ajjeese, Jedhu’ Bulchiisi Godina Booranaa

Godina Booranaa, anaa Areerotti humni hidhannoon naannoo sana socho’u humna naga-eegumsaa  mootummaa irratti dhukaasa baneen namni shan du’uu bulchaan godinichaa dubbatanii jiru.

Gochaan kun Sanbata dabre akka raaw’atame ka dubbatan - Obbo Guyyoo Galgaloo “namoonni shakkaman to’annoo jala oolfamanii, qorannoon irratti gaggeeffamaa jira, jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

‘Areerotti Humni Hidhate Miseensota Raayyaa Dabalee Namoota Shan Ajjeese, Jedhu’ Bulchiisi Godina Booranaa

Sanbata darbe kana godina Booranaa Aana Areero ganda qonnaanbulaa Orooto jedhamutti humni hidhate qaamota nageenyaa konkolaataan deemaa turan irratti dhukaasa banee nama shan ajjeesuuu bulchiinsi godinichaa beeksise. Guyyoo Galgaloo bulchaan Godina Booranaa warra ajjeefame kana keessa miseensonni raayya ittisa biyyaa jiraachuu himanii jiru.

Obbo Guyyo akkasumas jiraataan Aanaa Areeroo VOA’f haala nageenya aanaa isaanii dubbatan, erga ajjeechaa sanbata darbee as haalli jiru fooyya’aa dhufuu himanii hojjettonni mootummaa rakkoo nageenyaaf jecha hojii dhaabanii turanis waajjiratti seenanii tajaajila ummataaf kennu jalqabuu dubbatanii jiru.

Obbo Guyyoon gochi wal fakkaatu Aanaa Areerootti kanaan durallee dhaqqabuu himanii jiru.