Masaraan Waayit Haawus Laga Abbaayaa fi Hidhaa Lagichaa Ijaaramaa Jiru Ilaalchisuun Ibsa Baasee Jira

  • VOA

negotiations over an upstream Nile dam being built by Ethiopia have not led to any "breakthrough."

Hidha laga Abbaayyaa bishaaniin guutanii tajaajiila akka kennu gochuu haala dandeesisuu irratti Masrii, Itiyoophiyaa fi Sudaan walii galtee waaraa, kan waliitumsaa fi faayida gama hundaaf kenniisu irra gahuuf marii gochaa jiran Yunaaytid Isteetes akka deggertu beeksiftee jirti.

Masaraa Waayit Haawus irraa itti gaafatamaan preesii ibsii gabaabaan Kamiisa darbe baasan akka jedhutti Biyyoonni dhooqa laga Abbayyaa irra jiran hundinuu misooma dinagdee fi badhaadhinaaf mirga qabu jedha.

Mirgoota kana kan kabajsisuu fi biyyoonni lagi Abbaayaa keessa darbu hundi bishaan kanaan gargaaramuuf mirgi qaban wal-qixxee ta’uu isaa waliigaltee mirkaneessu irra ga’uuf biyyoonni kun yaalii qajeelaa akka godhan bulchiinsii Yunaaytid Isteetes hundaaf waamicha dhiyeessee jira.