Demokraatonni Mana Maree Bakka Bu’ota Ambaasaaddera US Gaaffiif Akka Dhiyaatan Gaafatan

  • VOA

Faayilii - Gamtaa Awrooppaatti ambaasaaddera Yunaayitid Isteetis Gordon Sondlaand

Dura teessonni koree mana maree bakka bu’ootaa sadii kan dimokraatotaa erga bulchiinsi Traamp akka isaan qorannaa aangoo irraa kaasamuu Traamp ilaalchisee gaaffiif hin dhiyaanne ajajanii booda gamtaa Awrooppaatti ambaasaaddera Yunaayitid Isteetis Gordon Sondlaand akka dhiyaataniif waamicha godhanii jiran.

Sopndlaand itti aanaa prezidaantiin duraanii Joo Bayden fi ilmi isaanii Hanter akka qoratamaniif Yukreeniin gaafachuuf tattaaffii waan godhaniif qorannaa kana keessatti nama barbaachisaa dha.

Koreewwan kun har’a ganamaa qabee Sondlaandiin cufataatti gaaffii gaafachuuf beellama qabatanii turan. Abukaatoon Soondlaand garuu ajaji ministrii dhimma alaa biraa kenname maamilli isaanii ajaja bulchiinsa Traamp biraa kennameef akka ajajaman dirqisiisa jedhan.

Abukaatoo kan ta’an Roobert Luskiin akka jedhanitti ambaasaaddera hojii irra jiran waan ta’aniif kallattii ministiriin dhimma alaa kaa’een deemuu qabu jedhan.