Prezidaant Traamp Akka Ripublikaanonni Buqqifamuu Irraa Isaan Oolchan Abdii Qaban

  • VOA

Qorannaa Prezidaant Traampiin taayitaa irraa buqqisiisuu malu geggeessuuf yeroo dimookiraatonni cichanii jiranitti, Prezidaantichi immoo Waayit Haawus irraa diddaan dura dhaabbachaa jiran.

Dhimmoota akka qorataman dhihaatan keessaa ijoon, prezidaantichi, akka biyyoonni ka biroon mormituu isaanii, itti-aanaa prezidaantii duraanii – Jo Baa’iden qoratamu taasisan amansiisuu yaalan – ka jedhu. Dimookiraatonni gochaa prezidaantichaa kana akka aangootti akka malee fayyadamuutti ilaalan.

Balleessaa tokkollee akka hin qabne, ka dubbatan – Prezidaat Traamp, “kan ani itti fuuleffadhe dhimma siyaasaa otuu hin taane malaammaltumaa dhabamsiisuu dha” jedhu. Paartii Ripublikaanotaa irraa kanneen prezidaanticha deggeran, tarkaanfii gara prezidaanticha buqqisuustti geessu ni morman.

Tahus garuu, Manni-maree sagalee wayyabaa Dimookiraatotaan geggeessamu dhimma qorannaa kana itti fufee, prezidaant Traampiin, seenaa biyyattii keessatti prezidaantii Yunaayitid Isteetis taayitaa irraa buqqifame sadaffaa taasisuu mala, jedhu – xiinxaltoonni.

Your browser doesn’t support HTML5

Prezidaant Traamp Akka Ripublikaanonni Buqqifamuu Irraa Isaan Oolchan Abdii Qaban