Walitti Bu’iinsi Gosa Irratti Hundaa’e Kan Dirree Dhawaa Keessaa Nagaa Jiraattotaa Jeeqe: Jiraattota

  • Tuujubee Horaa

Faayilii - Walitti bu'iinsa kana dura Diree Dhawaa keessa ture irratti dargaggoonni yeroo dhakaa darbatan

Magaalaa Dirree Dhawaa keessatti torban kana walitti bu’iinsi gosa irratti hundaa’e geggeessamuu dhaan nageenyi isaanii jeeqamuu kan dubbatan harmooliin Dirree Dhawaa keessa jiraatan hiriira geggeessuu dhaan iyyata dhiyeeffachuu dubbatu.

Jiraattoota magaalaa Dirree Dawaa keessaa tokko kan ta’an haati tokko akka dubbatanitti dargaggoota lammiiwwan Amaaraa irraa ta’antu halellaa nu irratti oofaa, Hookkara bittenneessaanis seera eegsisaa hin jiru jechuun komee dhiyeessan. Jeequmsi sun maal irratti akka ka’e gaafannee turre akkasitti nuuf ibsan.

Your browser doesn’t support HTML5

Walitti Bu’iinsi Gosa Irratti Hundaa’e Kan Dirree Dhawaa Keessaa Nagaa Jiraattotaa Jeeqe: Jiraattota