Doolaara 1.5 Ka Fixe Daandiin Baaburaa Keeniyaa Lammaaffoon Tajaajila Jalqabe

Doolaara 1.5 Ka Fixe Daandiin Baaburaa Keeniyaa Lammaaffoon Tajaajila Jalqabe

Keeniyaan ijaarsa daandii baaburaa Doolaara Biiliyoona 1.5 itti baaste eebbisiiste. Prezdentiin biyyattii Uhuuruu Keeniyaattaa kaleessa Projektii kana yoo eebbisiisan diinagdee biyyattiitiif waan murteessaa ta’uu dubbatan.

Pirezdentiin Keeniyaa uhuuruu Keeniyaattaa sarara daandii baaburaa lammaffoo qarshii liqaa Chaaynaarraa argameen hojjetame eebbisiisanii jiru. Ijaarsi sarara daandii baaburaa kun ka Mombaasaa kaasee naayroobii dhaqqabsiisutti aansee isa lammataa yoo tahu liqaa qarshii Baankii Chaaynaa Egzyiim baankirraa argameen ijaarame.

Keeniyaattaan yoo eebba kana gubbaatti dubbatan ijaaramuun daandii baaburaa kun guddina biyyaaf tolaa jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

Doolaara 1.5 Ka Fixe Daandiin Baaburaa Keeniyaa Lammaaffoon Tajaajila Jalqabe