Koongiresmaan Ilaajaa Kaamiingis Du’aan Boqotan

  • VOA

Koongiresmaan Ilaajaa Kaamiingis

Qorannaa Prezidaantii taayitaa irraa buqqisuu Mana-maree Yunaayitid Isteetis keessatti geggeeffamu keessatti nama ijoo ka tahan - miseensi Mana-maree Yunaayitid Isteetis – Ilaajaa kaamiingis, umurii isaanii waggaa 68tti du’aan boqotan.

Waajirri isaanii har’a akka beeksisetti, dhukkuba yeroo dheeraaf isaan rakkisaa ture irraa dhibee wal-xaxaa uumameen du’aan boqotan - Koongiresmaan Kaamiingis.

Baatii Fulbaanaa keessa, wal’aansa fayyaa taasifatanii dandamachuu isaanii fi yeroo Manni-maree boqonnaa irraa deebi’u – gara Waashinton dhufanii kan hojjetan ta’uu gaazzexaa “Baltimore Sun” jedhamutti dubbatanii turan.

Mana-maree Bakka-bu’ootaa Yunqaayitid Isteetis keessatti, dura-taa’aa Koree To’annaa fi Koreelii Jijjiiramaa ta’uun kan hojjetan – bakka-bu’aan kutaa Mariiland - Kaamiingis, koreen isaan hoogganan akka qorannaan buqqisaa Prezidaant Traamp irratti geggeessamu kannneen hojjetaa jiran keessaa isa ijoo dha.

Traamp, ammaan dura, Koongires Kaamiingis, “waan qotiyyoo nama jifatu,” jedhanii, magaalaa isaan irraa filataman baaltiimooriinis, “bakka bala’amaa” jechuun dubbiin waraannii turan.

Kaamiingis Prezidaant Traampiin qeeqaman iyyuu, Rippaabilikaanota miseensota mana-maree kaan waliin hojjechuutti nama dandeettii qaban – jedhamuun beekamu.