Mormii Oromiyaa Keessatti Geggeessame Irratti Lubbuu Nama Hedduutu Bade

  • VOA

Amboo, Onkoloolessa 24, 2019

Guyyaa kaleessaa deggertoonni Jawaar Mohamed kumaan laka’aman magaalaalee Oromiyaa keessatti hiriira mormii geggeessanii jiru.

Har’a mormiin kun itti fufuee bifa walitti bu’iinsa gosaa fi amantii qabaachuun gabaasamee jira. Hanga ammaatti magaalaalee Oromiyaa adda addaa keessaa yoo xiqqaate namoonni 16 du’uun illee gabaasamee jira.