Hidha Laga Abbayyaa Irrtti Marii Gaggeeffamu Keessumeesuuf Traamp Afeerraa Dhiyeessan

  • VOA

Hidha laga abbayyaa kan ilaaleen ministeeronni haajaa alaa Itiyoophiyaa, Sudaanfi MasriiN gara Waashingtan dhufuun akka mari’atan prezidaant Traamp afeeranii jiru.

Kunis abbummaa qabeenya laga Abbayyaa irratti rakkoo Iitiyoophiyaa fi Masrii giddutti uumamee irratti mariin kun fulleefata jedhama.

Xalayaan Afeerraa VOA..n argatee kun Onkolooleessa 21 ministrii maallaqaa Steve Mnuchiin kan mallatteeffaamee fi biyyoota sadeen akkasumas prezidaantii Baankii addunyaaf kan ergame ture.

Dubbi himaan Baankii addunyaa ibsa baasaniin prezidaantiin Baankii addunyaa marii gaggeeffamuutti hirmaachuuf karoora kan qaban yoo ta’u kunis biyyonni sadeen jechuun Masrii, Itiyoophiyaa fi Sudaan guutummaatti itti hirmaatuu abdii jedhuun ta’u ibsan.

Masriin marii gaggeeffamu keessa qaamnii alaa seenee akka gargaaru gaafachaa kan turte yoo ta’u walgahii Sadaasa 6tti waamame kanatti kan hirmaattu ta’u beeksiifte.

Hidha abbayyaa kan ilaaleen rakkoo uumamee prezidaant Traamp maaguddummaan akka ilaalaniif prezidaantiin Masrii baatii dabree kora Tokkummaa mootummotaafa yeroo New Yoork dhufan gaafachuu isaanii aangawaa bulchiinsaa Traamp gameessii beeksisanii jiru.

Walgahii Raashiyaan biyyoota Afrikaa waliin Sochii keessatti dheengadda gaggeeffame cinatti mummichi ministeera Abiyyi Ahmad prezidaantii Masrii wajjiin dubbatanii jiru.

Dr. Abiyyi El-sisii waliin eega dubbatanii booda oduu gabaastotaaf akka ibsanti namoota alaan marii gaggeeffamu ni simanna jedhanii turan.