Odugabaasaan VOA Muktaar Jamaal Waa’ee Haleellaa Irratti Raaw’atamee Maal Jedha?

  • Namoo Daandii

Gaazexeessaa VOA, Muktaar Jamaal

Odugabaasaan Raadiyoo Sagalee Ameerikaa, Muktaar Jamaal, Jimaata har’aa ganama akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti gara sa’atii sadiitti magaalaa Adaamaa keessatti otuu hojii isaa irra jiru gurmuu namooa hookkara uumaniin haleellaan irratti raaw’atamee miidhamuu isaa gabaasnee turre.

Mutaar bakka reebamee kufe irraa kaasamee, gara Hospitaala Waliigalaa Adaamaatti ergamee wal’aansa fayyaa argataa jira. Hidhii isaa fi mataa isaa irra miidhaa dhaqqabeef wal’aansi baqaqsanii hodhuu argachuu isaa Muktaar ofumaa nutti himee jira.

Hospitaala Waliigalaa Adaamaatti bilbillee gaaffii fi deebii waliin taasisne caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Odugabaasaan VOA Muktaar Jamaal Waa’ee Haleellaa Irratti Raaw’atamee Maal Jedha?