Meeshaaleen Ijaarsa Daandii Biliyoona Tokkoo Olitti Tilaamu Shawaa Kaabaa Keessatti Barbadeessame, Jedhama

Godiina Shawaa kaabaa naannawa Marhaa-Beetee jedhamu, magaalaa Alam-katamaa keessatti meeshaaleen ijarsaa daandiif oolan guubachuun himamee jira. Meeshaaleen gubatan kan dhaabbata ijarsaa Gamshuu Bayyanaa yoo ta'u, walumaa-galatti qabeenyaan barbada'ee birri billiyoona 1.2 ol ta’uu Obbo Gamshuun dubbatanii, kanneen tilmaamni isaanii hin beekamnellee ni jiru, jedhu.

Qabeenyaan dhaabbatichaa barbadaa’uu dhugaa ta’uu ka dubbate – Waajirri Koomiyunikeeshinii Shawaa Kaabaa – “Qaamni badii kana raaw’ate qoratamaa jira,” jedha.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Meeshaaleen Ijaarsa Daandii Biliyoona Tokkoo Olitti Tilaamu Shawaa Kaabaa Keessatti Barbadeessame, Jedhama