Ministeerri Haajaa Alaa Amerikaa Mummicha Ministeera Itiyoophiyaa Bilbilaan Haasofsiisan

  • VOA

Maayik Pompeeyoo mummicha ministeera Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahamd waliin bilbilaan har’a kan dubbatan yoo ta’u badhaasa Nobeel kan nagaa isa 100ffaa injifachuu keef baga gammaddee ittiin jechuu isaanii waajirri dubbii himaan ministrii haajaa alaa Amerikaa beeksisee jira..

Yunaaytid Isteetsii fi Itiyoophiyaa gidduu hariiroon jiru cimuu akka qabu akkasumas Itiyoophiyaan jijjirama seena qabeessa argamsiifte Amerikaan kan deggetu ta’u Pompeeyoon ibsanii jiru.

Kana malees mormii hokkaraan guutamee kan dhiyeenya kana Oromiyaa keessatti gaggeeffame fi rakkoo walitti-bu’iinsa gosaa karaa nagaan furuun barbaachisaa ta’u dubbatan.

Angawoonni lameen dhimmootii kutaa Sanaa irratti dubbatanii walii galtee nageenyaa Sudaan Kibbaa irratti hundaa’uun mootummaa tokkummaan ijaaramuu kan waaraa akka hundeeffamuuf Dr. Abiyyi deggersa akka godhan Pompeeyoon gaafatanii jiru.

Pompeeyoon Twitarii ofii irratti akka barreesantimummicha ministeera Abiyyi Ahamd haasofsisuu koof gammadeera jedhan.