Iraan Hojii Yuraaniyemii Gabbisuu Saffisaan Itti Fufuu Beeksiste

  • VOA

(Suuraa faayilii)

Hoogganaan meeshaa nukleraa Iraan biyyi isaanii walii galtee bara 2015 garee humnootii addunyaa waliin mallatteessite faallessuu dhaan meeshaa Yurnaaniyemii gabbisuuf gargaaru kan hammayyaa ta’e itti gargaaramti jedhan.

Hoogganaan dhaaba atoomikii Iran Alii Akbar Salehi TV biyya isaaniif har’a ibsa kennaniin meshaa IR-1 jedhu kan hatattamaan Yuraaniyemii gabbisuuf gargaaru akka walii galtee addunyaatti akka itti gargaaramtu eeyamameefii ture.

Saaleen akka jedhanitti Iraan daranuu meeshaa saffisaan Yuraaniumii gabisuu kan danda’u irratti hojjetaa jirti.

Erga prezidaant Doonaald Traamp walii galtee meeshaa nukleraa keessaa waggaa darbe ba’anii kaasee Iraan tarkaanfii cicha qabdu faallessu heduu fudhattee jirti.